Itiyoophiyaan Xaa’oo Biyyoo karaa Keeniyaa galchuu eegalte

Finfinnee, Caamsaa 24, 2016 (FBC) –Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf Xaa’oo Biyyoo karaa Keeniyaa  galchuu eegaluu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Koreen Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Gareen Inispeekshinii qindaa’aa Ministeera Qonnaa daawwannaa naannoleetti taasisaa turaniin raabsaa fi dhiyeessa Xaa’oo biyyoo ilaalchisee duub deebii isaarratti marii gaggeessaniiru.
Korichi guyyoota 7 darbaniif naannolee torba keessatti haala dhiyeessaa fi raabsa xaa’oo daawwateera.
Haala bittaas ta’ee raabsii fi dhiyeessi xaa’oo bara kanaa kan bara darbeen yoo madaalame fooyya’aa ta’uu korichi daawwannaa taasiiseen hubachuu ibseera.
Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen xaa’oo karaa seeraan alaa daddabarfamu ittisuurratti jijjiiramni guddaan argamuu eerameera.
Bara baajataa kana rakkoolee kana dura turaan sirreessuun raabsaa fi dhiyeessa Xaa’oorratti hojii fooyya’aan hojjetamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Bara kana yeroo jalqabaaf Xaa’oon biyyoo Keeniyaa karaa Buufata Laamuun gara biyya keessaa galchuun eegalamuu dubbachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment