Itiyoophiyaan waltajjii waloo Miseensoota Hoggansaa Koree To’annoo Biyyaalessaa Mallattoo Daldalaa Afrikaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan waltajjii waloo Miseensoota Hoggansaa Koree To’annoo Biyyaalessaa Mallattoo Daldalaa Afrikaa Taanzaaniyaa Daaresalaamitti gaggeeffama jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Gofee gama miidiya hawaasumma isaaniin, waltajjii waloo Miseensoota Hoggansaa Koree To’annoo Biyyaalessaa Mallattoo Daldalaa Afrikaa Taanzaaniyaa Daareesaalamitti gaggeeffama jirurratti hirmaachaa jiraachuu ibsan.

Waltajjichaan walitti hidhaamiinsa daldalaa biyyoota Afrikaa saffisisuuf hojiileen hojjetaman gadi fageenyaan kan qorataman ta’uu eeraniiru.

Hojiiraa oolmaa Naannawaa Daldalaa Walabaa Afrikaa fi naannwaalee daldala walabaa biroon walqabatee carraalee jiran irrtti kan mari’atamu ta’uu ibsaniiru.

Koreen To’annoo Biyyalessaa xiyyeeffannoo argachuu qabuu fi muxxannoo jirurratti mariin kan gaggeffamu ta’uus dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment