Itiyoophiyaan waltajjii Idil Addunyaa BRICS irratti walta’iinsa Idil Addunyaa ishee mirkaneessuu dandeessetti jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC) -Fooramiin paartilee siyaasaa Idil Addunyaa Raashiyaa Vilaadivostokitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Hirmaatoonni fooramichaa xumuraa yaa’iicharratti ibsa ejjennoo abbaa qabxii 24 baasuun milkaa’ina isaaf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Waltajjii kanarratti Itiyoophiyaan injifannoo dippiloomaasii galmeessisuu Itti Gaafatamaan Sabquunnamtii fi hariiroo Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Addisuu Araggaan dubbataniiru.

Fooramichaan cinaatti Itiyoophiyaan Miseensoota BRICS fi biyyoota michuu Bakka Bu’oota Paartiilee Siyaasaa waliin marii gaggeessuun injifannoo dippiloomaasii galmeessuun walta’iinsa Idil Addunyaa ishee mirkaneessuu dandeessetti jedhan.

Haaluma kanaan BRICS fi Biyyoota Afrikaa gidduu walta’iinsa jiru cimsuun barbaachiisaa ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.i

Comments (0)
Add Comment