Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan walga’ii ministirootaa walitti hidhamiinsa humnaa Afrikaa Bahaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jiru.
Dooktar Injiinar Habtaamuun Ittafaan walga’icharratti akka jedhanitti, walitti hidhamiinsi humnaa biyyoota gidduutti gaggeeffamu misooma waaraa mirkaneesuuf murteessaadha.
Naannawichatti walitti hidhamiinsa humnaa uumamu misooma anniisaa haareffamaa bal’inaan gaggeessuu fi gatii madaalawaan kan dhiyaatan anniisaa qulqulluu lammiileen ga’uuf kan tumsuudha jedhan.
Hidhi Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa humnaa naannawichaaf gumaacha olaanaa akka qabaatu himaniiru.
Waltajjicharratti dhaabbileen tumsitoota misoomaa fi Baankiin Addunyaa walitti hidhamiinsi humnaa Itiyoophiyaan naannawaa Afrikaa Bahaatti gaggeessaa jirtu naannawaalee biroof muuxannoo ta’uu ibsaniiru.
Walitti hidhamiinsa humnaa Afrikaa Bahaa kurmaan jalqabaa bara Faranjootaa 2025 keessa guutummaatti hojii kan eegalu ta’uu biyyoota miseensaa gidduutti waliigalteerra ga’amuun ibsameera.
Itiyoophiyaan humna elektirikii Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaaniif dhiyeessaa kan jirtu yoo ta’u, fuuldurattis Sudaan Kibbaa fi Taanzaaniyaaf dhiyeessuuf adeemsarra jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia