Itiyoophiyaan waliigaltee ibsaa qajeelfamootaa bu’uureffachuun marii gaggeeffamuun bu’aa eeyyeentaa irraa ga’uun akka danda’amu ni amanti-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan waliigaltee ibsa qajeelfamootaa bu’uureffachuun marii gaggeeffamuun bu’aa eeyyeentaa irraa ga’uun akka danda’amu kan amantu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Mariin gamsadee dambiiwwanii fi qajeelfamoota gadi lakkisaa fi guutiinsa bishaan Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaan har’a Ijibti Kaayirootti gaggeeffamuu eegaleera.

Maricha ilaalchisuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseera.

Bu’uura waliigaltee ibsa qajeelfamootaan marii gaggeeffamuun, bu’aa eeyyeentaarraa ga’uun akka danda’amu Itiyoophiyaan ni amanti jechuun ibsi Tajaajilli Kominikeshinii Mootummaa baase kun ni akeeka.

Bu’uuruma kanaan adeemsa marii kanaan bu’aan hunda fayyadamtoota taasisu akka dhufuuf Itiyoophiyaan qajeelummaan ni hirmaattis jedheera.

Marichis qaama tattaffii michummaa cimaa biyyoota sadeenii uumuuf taasifamuu yoo ta’u, adeemsa kanaan biyyoonni kunneen Laga Abbayyaa fayyadamummaa haqa qabeessaa fi sababa bu’uureffatee mirkaneessuuf itti gaafatama waloo qabu jedheera.

Tajaajilichi, mariiwwan kunneen fedhii biyyoota hundaa kan eegsisu, yaada waliigaltee maddisiisuuf walta’iinsaan akka hojjetan kan taasisu ta’uu ibsichaan eerameera.

Biyyoonni kunneenis faayidaa fi sodaalee biyyoota yaa’ichaa hundaa hubachuun qajeelfama faayyadamummaa haqa qabeessaa fi sababa bu’uureffateen yoo mari’atan, waliigaltee hunda fayyadamtoota taasisurra akka ga’an kan amantu ta’uu hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment