Itiyoophiyaan walga’ii Mana Maree Ministiroota Daldalaa Afrikaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan walga’ii 14ffaa Mana Maree Ministiroota Daldala Afrikaa Yunaayitid Rippabliika Taanzaaniyaa Zaanzibaaritti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiisa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen walga’icharratti hirmaachaa jiru.

Walga’ichi bu’aa hojiirra oolmaa waliigalteen Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa argamsiisee fi hudhaalee mudatanirratti mari’achaa jira.

Haala hojiirra oolmaan isaa caalmaatti saffisuu danda’urratti kallattii ni kaa’aan kan eegamu ta’uu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment