Itiyoophiyaan walga’ii koreewwan Paarlaamaa Paan Afrikaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)- Gareen jilaa Afyaa’ii Ittaantuu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Loomii Badhoon durfamu, walga’ii koreewwan Paarlaamaa Paan Afrikaa Midiraad Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

Walga’ichi bakka bu’oota biyyoota Gamtaa Afrikaa sadii, Itiyoophiyaa, Afrikaa Kibbaa fi Burundii gidduutti gaggeeffamaa jira.

Maricharrattis miseensonni koree geejjibaa, kominikeeshinii, inarjii, saayinsii fi teeknooloojii hirmaachaa jiraachuun eerameera.

Dabalataanis, koreen walta’iisaa, hariiroo idil addunyaa fi furmaata walitti bu’iinsaa hirmaachaa jiraachuun ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment