Itiyoophiyaan Walga’ii Hoggantoota Olaanoo Inarjii BRICS irratti hirmaachaa jirti

Itiyoophiyaan Walga’ii Hoggantoota Olaanoo Inarjii BRICS irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Bitootessa 11, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Walga’ii Hoggantoota Olaanoo Inarjii BRICS Biraaziil Biraaziliyaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.

Tumsa BRICS cimsuun badhaadhina gara fuulduraa mirkaneessuuf nageenyi inarjii barbaachisaa ta’uu Biraaziilitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’uulsaggad Taaddasaan ibsaniiru.

Ajandaa misoomaa 2030 milkeessuuf gatii madaalawaan akkasumas haala amansiisaan anniisaa argachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan inarjii qulqulluufi waaraa mirkaneessuuf bu’uuraalee misoomaa inarjii babal’isuun fedhii anniisaa ishee guutuuf akkasumas tumsa naannawaa cimsuuf kan hojjettu ta’uu eeraniiru.

Waltajjii BRICSn tumsa inarjii cimsuuf muuxannoowwan gaariin fi jalqabbiiwwan ce’umsa teeknooloojii cimanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment