Itiyoophiyaan walga’ii hoggantoota gumurukaa miseensa BRICS irratti hirmaatte

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan walga’ii hoggantoota gumurukaa biyyoota miseensa BRICS Raashiyaa Moskootti gaggeeffamerratti hirmaatte.

Walga’icharratti biyyoota miseens gidduu daldala gaggeeffamu cimsuu, daldala seeraan alaa fi yakka gumurukaa daangaa ce’oo ittisuu fi to’achuu, fayyadama teeknooloojii mirkaneessuu, ijaarsa dandeettii fi waljijjiirraa odeeffannoo gumurukaa irratti mariin gaggeeffameera.

Biyyoonni miseensaa beekkamtiin kennamuuf “Dhaabbilee sochoostota diinagdee mirgi addaa eeyyamameef” biyyoota miseensotaa biroorraa beekkamtiin akka kennamuu fi hojmaata faayidaa addaa ittiin argachuu danda’an diriirsuuf hojii eegalamee xumuruurratti karoorri raawwii qophaa’uun mallatteeffameera.

Komishinarri Komishinii Gumuruukaa Dabalee Qaabataan sanadicha mallatteessuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

“Dhaabbileen sochoostota diinagdee mirgi addaa eeyyamameef” fuuncaa dhiyeessii idil addunyaa keessatti kallattiinis ta’e kallattiin ala kan hirmaatanii fi ulaagaalee kaa’aman guutan ta’anii dhaabbilee mirgi addaa eeyyamameef ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment