Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Jilli Itiyoophiyaa Walga’ii jalqabaa Garee Teekinika Qonnaa BRICS 2025, Biraaziil Biraaziiliyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
Walga’icharratti Biraaziilitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Li’uulsaggad Taaddasaa ibsa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Mootummaan Itiyoophiyaa qonna ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantaalee garaagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu eeruun, bu’aawwan oomisha qamadiifi Ashaaraa magariisaan argaman kaasaniiru.
Akkaataa hammattoo BRICSn qonni keessumaa qonni maatii damee tumsaa ta’uu akka qabuufi gama Kanaan muuxannoo waljijjiiruun, ce’umsa teeknooloojii saffisiisuun akkasumas dhiyeessii galteewwan qonnaa babal’isuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia