Itiyoophiyaan Walga’ii Fooramii Walta’iinsa Nageenya Ummataa Idil Addunyaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Chaayinaatti Walga’ii Daayrektaroota Boordii Fooramii Walta’iinsa Nageenya Ummataa Idil Addunyaarratti hirmaachaa jirti.

Walga’icharratti Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Marichaan gabaasaa raawwii waggaa fooramichaa fi tarree Nageenyaa Idil Addunyaa irratti adeemsa qorannoo jiru, akkasumas qophii koonfiraansii fooramichaa 2024 rratti mari’achuun murtoowwan garaagaraa dabarsaan ni eegama.

Fooramichi sadarkaa Idil Addunyaatti nageenyaa ummataa irratti xiyyeeffachuun dhaabbilee nageenyaa biyyootaa qindeessuun hojiilee garaagaraa gaggeessaa jirachuun ibsameera.

Koomishinar Dammallaash Gabiramikaa’el walga’ichaan maddiitti Chaayinaatti dhaabbilee garaagaraa daawwataniiru.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Jaansuutti kan argamu Indaastirii Oomisha Doqdoqqee ‘CFMOTOR’ jedhamu daawwachuun hoggantoota indaastirichaa waliinis mari’ataniiru.

Marii isaaniinis dhaabbatichi Yaa’ii Waggaa Gamtaa Afrikaarratti keessummoota dabaaluuf deeggarsa doqdoqqeewwanii taasisee fi fuulduratti taasisuuf jiruuf galateeffataniiru.

Dhaabbatichis Itiyoophiyatti hojiilee invastimantiirratti bobba’uun fayyadamaa gabaa naannawichaa akka ta’u eeruu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment