Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC)- Itiyoophiyaan walga’ii Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 5ffaa irratti biyyoota 19fi Baankii Addunyaarraa deeggarsa argachuu Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen ibsan.
Dooktar Kaasaahuun Goofeen hojiilee Itiyoophiyaan walga’icharratti hojjette ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Hirmaannaa Itiyoophiyaan walga’icharratti taasiste milkaa’aa turuu yaadachiisanii, biyyoota 19fi Baankii Addunyaarraa deeggarsa argachuu ibsaniiru.
Adeemsa marii kanarratti wantoonni abdii namatti horan argamuu kan ibsan Dooktar Kaasaahuun, walga’iin garee hojiirraa 6ffaa fi 7ffaan baatiiwwan Adoolessaafi Sadaasaa akka gaggeeffamu kaasaniiru.
Fooyyessa diinagdee maakiroo mandhalee Itiyoophiyaan milkeessite Dhaabbanni Daldalaa Addunyaa bifa gaariin ilaaluu ibsaniiru.
Bu’uura Kanaan Yaa’ii Dhaabbata Daldalaa Addunyaa bara faranjootaa 2026 Kaameeruunitti gaggeeffamurratti Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ni taati jedhamee akka eegamu himaniiru.
Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf erga gaaffii dhiyeessitee waggoota 23 lakkoofsisuu yaadachiisaniiru.
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni 22 dhaabbatichaaf gaaffii miseensummaa dhiyeessuun deebii eeggachaa jiraachuu ibsaniiru.
Tsaggaayee Nigustu gabaase.