Itiyoophiyaan waancaa Afrikaa qopheessuuf fedhii qabdu milkeessuuf karoorri dandeessisu qophaa’e – Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan waancaa Afrikaa qopheessuuf fedhii qabdu milkeessuuf karoorri dandeessisu qophaa’uu Ministirri Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii bara baajatichaa guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Raawwii karooraa Ministeera Aadaa fi Ispoortirratti bal’inaan mari’atamuu Obbo Qajeelaa Mardaasaan dubbataniiru.

Akkaataa kallattii mootummaan Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa keessummeessuuf sochiin eegalamuu Obbo Qajeelaan raawwii damichaa ilaalchisee ibsa taasiisaniin himaniiru.

Dorgomicha qopheessuuf bu’uuraaleen barbaachisanii fi muuxannoon kana dura ture hammatamuu eeraniiru.

Sababa sirreeffama gatiin ijaarsi isaa adda citee kan ture Istaadiyeemiin biyyaalessaa(Istaadiyeemii Finfinnee Aday) rakkichu furamuun dhaabbanni ijaarsaa haaraan hojii hafe hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Istaadiyeemii Idil Addunyaa Bahiirdaar dabalatee Istaadiyeemiiwwan biroon haala uulaagaa ‘CAF’ guutaniin hojiin ijaarsa saffisaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ijaarsi Giddugala Aadaa, seenaa fi aadaalee Itiyoophiyaa of keessatti qabu kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis qophiin Dizzaayinaa xumuramuun ijaarsa eegaluuf muuxannoon biyyoota biroo fudhatamuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment