Itiyoophiyaan tumsa Dippiloomaasii Damee Inarjii fi Aveeshiniirratti xiyyeeffannoon hojjetaa jirti- Ambaasaaddar Mallas Alam

Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan tumsa Dippiloomaasii Damee Inarjii fi Aveeshiniirratti xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Ambaasaaddar Mallas Alam ibsaniiru.

Dooktar Ambaasaaddar Mallas Alam miidiyaleef ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan naannawwachatti tumsa Dippiloomaasii damee Inarjiifi Aveeshiniirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniru.

Kana raawwachuufis Itiyoophiyaan humna qabaachuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan qabeenya laggeenii hedduu qabachuu eeraniiru.

Akkasumas Humna Bubbee fi Aduun anniisaa hedduu maddisisuu kan dandeessu ta’uu kaasaniiru.

Hidhi Guddichi Haroomsa Itiyoophiyaa wayita xumuramuu rakkoo Inarjii biyyoonni ollaa qaban kan furuudhas jedhan.

Keeniyaa waliin waliigaltee gurgurtaa tajaajila Elektirikaa wagga 25 taasiifamuu eeruun, biyyoota biroo waliinis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gara fulduraatti gurgurtaan Tajaajila Elektirikii hanga Ispeenitti kan qaqabu ta’a jedhaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daawwanaan Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti taasisaniin walta’iinsa Inarjii fi Aveeshiniirratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Taanzaaniyaa waliin gurgurtaa Tajaajila Elektirikii Kiiloo Vooltii 400 dhiyyeesssuuf waliigalteerra ga’amuu Dooktar Ambaasaaddar Mallas Alam dubbataniiru.

Gama Aveeshiniin Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf biyyoonni fedhii qaban jiraachuu Ambaasaaddar Mallas kaasaniiru.

Firihiwoot Saffiwutu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment