Itiyoophiyaan Somaaliyaa waliin waldhabdee qabdu karaa dippiloomaasiin furuuf fedhii qabdi-Amb. Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Mootummaa Giddugaleessaa Somaaliyaa waliin waldhabdeewwan qabdu karaa dippiloomaasiin furuuf fedhii akka qabdu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Ambaasaaddar Taayyeen haala yeroorratti miidiyaaleef ibsa kennaniin imammataa alaa Itiyoophiyaa hariiroo biyyoota ollaarratti kan bu’uureffatu ta’uu himan.

Itiyoophiyaan waliigalteewwan Somaaliilaandi waliin mallatteessite booda Aanga’oota Mootummaa Somaaliyaa waliin garaagarummaa mudatan dhiphisuuf tattaaffii taasistus, aanga’oonni Mootummaa Somaaliyaa garaagartee jiru bal’isuu hojii isaanii guyyuu taasifachuu dubbatan.

Naayiroobii fi Ankaaraatti mariiwwan walitti fufiinsaan taasifamuu yaadachiisanii, gama Itiyoophiyaan yeroo ammaa balbaloonni marii akka hincufamiin kaasaniiru.

Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2005 eegalee Somaaliyan biyya taatee akka hundooftuuf gatii kaffaluu, lammiileen Itiyoophiyaa kumaatamatti lakkaa’amanis wareegamuu dubbatan.

Ta’us, aanga’oonni Mootummaa Somaaliyaa gochaa wareegama Itiyoophiyaan kaffalte gatii dhabsiisuurraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gama biraatiin qabsoo farra shorkeesummaa waloon gaggeeffamaa turan akka itti fufan gama Itiyoophiyaan fedhiin jiraachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota ollaa isheef dursa akka kennitu kan himan Ambaasaaddar Taayyeen, hariiroon baraoota dheeraa lakkoofsisan akka jiran, hariiroo jiru kanas cimsuu fi kan addaan citan yoo jiraatan suphuun hariiroowwan aadaa fi diinagdee babal’isuu fi cimsuurratti kan xiyyeeffattu ta’uu himaniiru.

Waldhabdeewwan wayita mudatan ammoo karaa dippiloomaasiin furuuf kan hojjetamuudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroon biyyoota ollaa waliin qabdu hariiroo mootummaa fi mootummaa bira kan darbe, walitti hidhamiinsa ummataa fi ummataa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Somaaliyaan qaamolee naannawicharraa fedhii qaban biroo keessummeessuu akka dhaabdu Itiyoophiyaan ni hubachiisti jedhan.

Dhimma Sudaaniin walqabatees biyyattiin gara nagaatti akka deebituuf hanga ammaatti tattaaffi Itiyoophiyaan taasisaa turte cimsitee akka itti fuftu ibsa kennaniin eeraniiru.

Misikkir Sinaaffiqtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment