Itiyoophiyaan Raayyaa ammayyaa’aa fi ga’umsa ogummaa qabu ijaaruu hubanneerra-Jila Morookoo

Finfinnee, Adoolessa 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan raayyaa ammayyaa’aa fi ga’umsa ogummaa qabu ijaaruu hubanneerra jedhan Itaamaajoor Shuumii Ittaanaa Raayyaa Ittisaa Morookoo Meejer Jeneraal Aziiz Idiriis.

Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, Meejer Jeneraal Aziiz Idiriis waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Meejer Jeneraal Aziiz Idiriis turtii isaanii dhaabbilee Raayyaa Ittisaa garaagaraa daawwachuun Itiyoophiyaan Raayyaa Ittisaa ammayyaa’aa fi ga’umsa ogummaa qabu ijaaruu hubachuu dubbataniiru.

Indaastirii Raayyaa Ittisaattis daawwannaa taasisaniin muuxannoo bal’aa qooddachuu fi turtii isaaniitti simannaa taasifameef galateeffachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Injiinar Ayishaa Mahaammad gama isaaniin, hariiroo Itiyoophiyaa fi Morookoo gidduu jiru seena qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Daawwannaan jilichaas hariiroo kana gama loltummaa fi dameewwan biroon daran cimsuuf bakka olaanaa akka qabu himaniiru.

Gama biraatiin, Jilli Morookoo Itaamaajoor Shuumii Ittaanaa Raayyaa Ittisaa Morookoo Meejer Jeneraal Aziiz Idiriisiin durfamu Ajaja Komaandoo fi humna qileensaatti Mana barnootaa Humna qilleenssaa daawwateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment