Itiyoophiyaan qabsoo boonsaa dhalootaatiin kan ijaaramte mana waloo keenyaati-TKM

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaan adeemsa barootaa keessatti qabsoo boonsaa dhaloonni taasisaniin kan ijaaramte mana waloo keenyaati jechuun Tajaajillii Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi Guyyaa wareegamaa mata duree “Biyya Wareegamaan ijaaramte” jedhuun kabajamaa jiru ilaalchisuun ibsa baaseen, Itiyoophiyaan adeemsa barootaa keessatti qabsoo boonsaa dhaloonni taasisaaniin kan ijaaramte mana waloo keenyaati jedheera.

Mana waloo kanas, har’aa dhaluu kan dandeenye gootonni biyyatti wareegama boonsaa kaffalaniin ta’uu eereera.

Har’a Qaammee 2 Guyyaa Wareegamaa wayita kabajnu kaleessaa hanga har’aatti birmadummaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi ijaaruuf wareegama kaffalame yaadachuun ta’uun himameera.

Wareegamni kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf kaffalaman ijaarsa mootummaa ce’aa akka cimsattu taasiseera.

Tokkummaan biyyaalessummaa akka cimuuf bu’uura kan kaa’e, tokkummaa biyyaaf, ijaarsa sirna diimookiraasii fi federaaliizimii dhugaaf wareegamni kaffalame har’a bu’aalee dachaa hedduu buuseera.

Yeroo ammaas, nageenyaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf, tokkummaa biyyaa itti fufsisuu akkasumas badhaadhina damichaan wareegamni kaffalamaa jira jedheera.

Keessumaa gaachana ummataa, abdii biyyaa, da’annoo dhumaa biyyaa kan ta’e wareegama Raayyaa Ittisa Biyyaatiin tokkummaan biyyaa bu’uureffamaa jiraachuu himeera.

Poolisiin federaalaa fi naannolee, qaamolee nageenyaa fi tasgabbii hunduu Itiyoophiyaa ijaaruuf guyyuu wareegama kaffalaa jiraachuu kaaseera.

Biyyaa fi ummataa gara badhaadhummaa caaluutti ceessisuu fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuun tursiisuun kan danda’amu wareegamaa biyyaaf kaffalamuun ta’uu akeekeera.

Caasaan nageenya biyyaalessaa fuuncaa ajaja giddugaleessummaa akka cimuuf wareegama kaffalamu hubachuu fi beekkamtii kennuu barbaachisa jedheera.

Guyyaa wareegamaa wayita kabajnu wareegamaa gootonni kaffalan kabajuu fi leellisuun, lammiileen wareegama biyyi isaan irraa eegdu hundaa kaffaluuf qophaa’uun murteessaa ta’uu eereera.

Keessumaa, caasaa nageenyaa seeraa qabeessaa keessa ta’un nagaa biyyaa fi tasgabbii ummataaf humnota nageenyaa wareegama kaffalaa jiran, akkuma baratame jaalala, deeggarsaa fi waliin jireenyaa isaa cimsee itti fufuu akka qabu tajaajilichi dhaamsa dabarseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment