Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Tattaaffiiwwan waloon beela balleessuuf, hundaaf wabii nyaataa mirkaneessuuf hirmaannaan taasifamuu bu’aa akka argamsiisu abdiin qaba jechuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hirmaattoota “Yaa’ii ‘Addunyaa Beelarraa bilisaa’ irratti hirmaachuuf gara handhuuraa dippiloomaasii Afrikaatti baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
Dureewwan idil addunyaa, ogeeyyii, fi dhimmamtoonni walfaanaa dhufuun akka mari’atan taasisuun tattaaffiiwwan waloon beela balleessuuf, hundaaf wabii nyaataa mirkaneessuuf hirmaannaan taasifamuu bu’aa akka argamsiisuu abdii qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti hojiilee waggoota jahan darban keessa ce’umsa qonnaa fi oomishtummaa irratti xiyyeeffachuun hojjetameen lafa qonnaaf oolu dachaan dabaluun oomisha midhaanii industiriif sona olaanaa qaban oomishuun bu’aa abdachiisaa argamsiisuu himaniiru.
Mariiwwan yaa’ichaan guyyoottaan itti aanaan gaggeeffaman milkaa’inaalee galmoota waloo kan saffisiisan murteewwan olaanoo akka dabarsuu amantaa qaban dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia