Itiyoophiyaan olola Mootummaa Somaaliyaan gaggeeffamaa jiru itti dhiheenyaan hordofaa jirti-MDHA

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan olola Mootummaa Soomaaliyaan gaggeeffamaa jiru itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministeerichi ibsa baaseen, mootummaan Somaaliyaa himannaa bu’uura hinqabne dhiyeessuun faallaatti Itiyoophiyaan nageenyaaf tasgabbii Somaaliyaaf waggoota10 ol wareegama kaffalaa jiraachuu ibseera.

Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan Somaaliyaa deebisanii ijaaruu keessatti aarsaa kaffaltee dagachuun qondaaltoota biyyattiin himannaan bu’uuraa hinqabne dhiyaachaa jiraachutti gadduu ibsichaan eereera.

Haaluma kanaan walabummaa naannawichaaf, walitti hidhamiinsa Aadaan, dhiigaa fi hariiroo seenaa qabeessa tilmaama keessa galchuun himannaa bu’aa hinqabneef deebii kennuu kan hinfilanne ta’uun ibsameera.

Itiyoophiyaan ummata biyyoota lameeniif fayyadamumma waloof obsaa fi hirmaanaa gaarii taasisuu filachuu akeekeera.

Itiyoophiyaan daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan ala Gaanfa Afrikaatti taasifamu kan yaaddeessuun ta’uu ibsiteerti.

Walitti bu’iinsoonni naannawichaa, sararoota daangaa hinsakkata’amne akkasumas rakkoolee nageenya daangaan jeeqamaa jiraachuun, biyyoonni naannawichaa yakkoota akkanaa ittisuuf humna isaanii fayyadamuuf akka dirqaman akeekeera.

Itiyoophiyaan shororkeessummaa fi daddabarsa meeshaalee waraanaa ittisuurratti ejjennoo cimaa akka qabdu ibsichaan eerameera.

Itiyoophiyaan Ummataa Obbolaa ishee Soomaaliyaa waliin nageenyaan, tasgabbiin, guddina dinagdee fi walta’iinsa itti fufsiisuuf kutannoo qabaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment