Itiyoophiyaan nageenya naannawaa mirkaneessuuf hojiilee damee hedduu hojjechaa jirti jedhame

Itiyoophiyaan nageenya naannawaa mirkaneessuuf hojiilee damee hedduu hojjechaa jirti jedhame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan nageenya naannawaa mirkaneessuufi misooma tumsa irratti hundaa’e guddisuuf  damee hedduun hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idriis ibsan.

Obbo Mahaammad Idriis Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Hindii Aniil Kuumaar waliin hojiirra oolmaa sirna federaaliizimii, bulchiinsa waldhabdee fi qabiinsa heddumminaa irratti mari’ataniiru.

Hindi akkuma Itiyoophiyaa biyya heddummina eenyummaa qabdu ta’uu eeruun, bulchiinsa waldhabdee, sirna federaaliizimii fi qabiinsa heddumminaa irratti Hindiirraa muuxannoo hedduu kan fudhattu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee akka biyyaatti jiran mariin waliigalteerra gahuuf mariin biyyaalessaa gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan nageenya naannawaa mirkaneessuufi misooma tumsa waloorratti hundaa’e guddisuuf hojiilee damee hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Aniil Kuumaar gamasaaniin, tooftaa  Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mudatan ittiin furtuu fi aadaa siyaasaa haaraa ijaaruuf tattaaffii taasistu dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaafi Hindi hariiroo baroota dheeraa qabaachuu yaadachiisuun, fuuldurattis hojiirra oolmaa sirna federaaliizimii, bulchiinsa waldhabdee fi qabiinsa heddumminaa irratti tumsaan kan waliin hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment