Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan murtoowwan Yaa’ii Jijjiiramaa Qabeenya Qilleensaarratti darbe hojiirra oolchuuf dhaabbiilee tumsitootaa waliin kan hojjettu ta’uu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa beeksise.
Ministeerichi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Gamtaa Emereetoota Araba Gamtoomanitti bara faranjoota Sadaasa 30-Muddee 12’tti gaggeeffame ilaalchisuun ibsa kenneera.
Yaa’iicharratti Itiyoophiyaaan adda durummaan kan hirmaatte ta’uu kan eere Ministeerichi, garee miseensoota Afrikaa, garee biyyoota sadarkaa guddina gadaanaa keessaa jiraanii bakka bu’uun hirmaachuun ibsameera.
Itiyoophiyaan hammattoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanitti, walta’iinsa damee hedduurraa amantaa qabdu bu’uureffachuun murtoowwan yaa’icharratti darban hojiirra oolchuuf, murannoo qabaachuu ministeerichi ibsa Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif ergeen ibseera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.