Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Ogummaa Idil Addunyaa 88ffaa ta’uun galmoofte

Finfinnee, Hagayya 3, 2016 (FBC) – Misooma Ogummaarratti hojjechaa kan jiru dhaabbanni Ogumma Idil Addunyaa Itiyoophiyaa miseensa 88ffaa taasiisuun galmeesseera.

Biyyattiin miseensa dhaabbatichaa ta’uun galmaa’uun ogummaa fi kalaqa dargaggootaaf carraa olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Kana hordofee dorgommii 47ffaa ogummaa dargaggoota dhaabbichi Baatii Fulbaana dhufu Faransaay Magaalaa Liyoon keessatti qopheessurratti dargaggoonni Itiyoophiyaan dameewwan ogummaa 3 kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.

Hayimaanoota Iyyaasuu fi Daawiit Dayyaasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment