Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun dhaga’amtummaa ishee dabaluuf gumaacha-Amb. Reedwaan Huseen

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Itiyoophiyaa Miseensaa biyyoota ‘BRICS’ ta’uun walta’iinsaalee diinagdee bal’isuu bira darbee waltajjiilee addunyaarratti dhaga’amtummaan ishee akka dabaluuf gumaacha olaanaa akka qabaatu Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbatan.

Yaa’ii Biyyoota ‘BRICS’ 15ffaan Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaa dabalatee Arjantiinaa, Ijibti, Iraan, Saa’uda Arabiyaa fi Emereetota Araba Gamtoomanii miseensummaa haaraan akka makaman raggaasisuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaan miseensa garichaa ta’uun walta’iinsa diinagdee fi filmaatawwan invastimantii akka bal’isu Ambaasadadar Reedwaan ibsaniiru.

BRICS cimuun gabaa addunyaa maallaqaa bittaa fi gurgurtaa tokkoon daangeffame, filmaataa biroo akka qabaatu carra kan uumu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Kunis filmaatawwan faayinaansii misoomaa bal’isuun, Itiyoophiyaa dabalatee fayyadamummaa biyyoota guddachaa jiranii fooyyessuuf gahee olaanaa akka qabaatu himaniiru.

Ityoophiyaan diinagdee fi dippiloomaasiin guddachaa kan dhufe miseensaa ‘BRICS’ ta’uun ishee waltajjiiwwan idil addunyaarratti dhaga’amtummaa ishee akka dabalu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddara Burtukaan Ayyaanoon gama isaaniin hojiilee dippiloomaasii ciccimaan yeroowwan darban hojjetaman waltajjiiwwan idil addunyaarratti dhaga’amtummaan Itiyophiyaa akka bal’atu taasisuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uuf gaaffiin dhiyeessite fudhatama argachuunis argisiistuu kanaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment