Itiyoophiyaan mirkaneessa sadarkaa bulchiinsa misooma Bosonaa yeroo argachuun ifoome

Finfinnee, Sadaasa 23, 2017 (FBC)- Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa Itiyoophiyaan mirkaneessa sadarkaa bulchiinsa misooma Bosonaa yeroo argachuun ifoomse.

Sadarkaan Bulchiinsaa Bosonaa har’a ifoomse kunis damee bosonaan Itiyoophiyaa cimsuun qulqullinaa fi barbaadamummaa oomishaalee bosonaa gabaa Addunyaaf dhiyaatan kan guddisuudha jedhameera.

Itiyoophiyaan tarree biyyoota galii giddugaleessaa argatanii hiriiruuf bara 2025’tti lafa hektaaraa miiliyoona 15 manca’e bosonaan uwwisuuf hojjechaa jirachuun ibsameera.

Daayrektarri Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, uwwisi bosonaa Itiyoophyaa %23.6’rraa ga’uu fi bulchiinsi misooma Bosonaa sirna bulchiinsaa sadarkaa isaa eeggate diriirsuun, ciramuu bosonaa dhabamsiisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Afrikaa Bahaatti Qindeessaan Mana Maree Bulchiinsaa Bosonaa Anaah Agashaa gama isaaniin sadarkaan bulchiinsa Bosonaa Itiyoophiyaa ragga’uun manni marichaa fi Itiyoophiyaa walta’iinsa yeroo dheeraa fi mul’ata waloo qaban kan calaqqisiisuudha jechuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa, bulchiinsa misooma bosonaa cimsuun omishtummaa fi Addunyaa mijattuu uumuuf bara Faranjootaa 1993 kan hundeeffamee Dhaabbata Idil Addunyaa ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment