Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti dorgomamaa jiruun Atileet Gudaaf Tsaggaayiin meedaaliyaa Warqee fi Dirribee Waltajjiin Meetii Itiyoophiyaaf argamsiisaniiru.
Dorgommii meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti dorgomameen Atileet Gudaaf Tsaggaayiin fageenyicha daqiiqaa 3:54.86 xumuraan 1ffaa yoo baatu, Atileet Dirribee Waltajjiin daqiiqaa 3:59:30’n xumuruun sadarkaa 2ffaa bahuun seenaa hojjetaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa