Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Marii 10ffaa karoora imaammata alaa BRICS Biraazilitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaateerti.
Waltajjicharratti Itiyoophiyaa dabalatee Hoggantoonni Olaanoo Ministeera Dhimma Alaa biyyoota Miseensa BRICS hirmaataniiru.
Marichaan Bakka butoonni biyyoota miseensaa dhimmoota naannawaa fi Idil Addunyaarratti hubannoo qaban ibsaniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daayirektarri Olaanaan Karoora Tarsimaawaa Mokonniin Gosaayeen ilaalcha Itiyoophiyaan dhimmoota naannawaa fi Idil Addunyaarratti qabdu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.