Itiyoophiyaan Konkolaattota elektirikii %95 fayyadamuuf hojjechaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii %95 fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Guyyoota sadan darbaniif Finfinneetti gaggeefamaa kan ture Siimpooziyamii fi Egzibiishiniin Idil Addunyaa “Ethio-Green Mobility” xumurameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Bara’oo Hasan, Itiyoophiyaan humna haareffamaa fayyadamuuf karoora bal’aa qabachuun hojjechaa jirti jedhan.

Damee geejjibaan oomisha konkolaattota elektirikii babal’isuun baasii boba’aa hir’isuu fi naannawaa magariisaa ijaaruuf hojjetama akka jiru ibsaniiru.

Manni hojii ministeerichaas waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii kuma 400 fi kuma 32 hanga kuma 500 faayidaarra oolchuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.

Yeroo qabame keessatti konkolaattota biyya alaarraa galfaman %95 konkolaattota elektirikii akka ta’an ibsaniiru.

Konkolaattonni kunneen bal’inaan akka hojiirra oolan mootummaan tumsaa fi hordoffii olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaas abbootiin qabeenyaa 15 ta’an konkolaattota elektirikii kurfeessuun tajaajilaaf dhiyeessaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment