Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaafi Keeniyaan bu’uura waliigaltee gurgurtaa humna elektirikaa waliif mallatteessaniin Itiyoophiyaan guyyaatti humna elektirikaa meegaa waattii 265 Keeniyaaf dhiyeessaa jiraachuu Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.
Humna Elektirikaa Itiyoophiyaatti Buufanni Konvartarii Itiyoo- Keeniyaa Abbaa Kiiloo Vooltii 500, Baha Afrikaa humna elektirikaan walitti hidhuuf gahee olaanaa bahachaa akka jiru himameera.
Buufatichi utubaawwan humna elektirikaa meegaa waattii 2000 baachuu danda’aniifi sarara daddabarsa elektirikaa Itiyoophiyaa hanga Keeniyaa kiiloomeetira kuma 1fi 600n humna daddabarsaa jiraachuu ibsameera.
Bu’uura waliigaltee gurgurtaa humna elektirikaa Keeniyaa waliin taasifameen yeroo ammaa guyyaatti sa’aatii 18 hanga halkan sa’aatii 6’tti meegaa waattii 200 akkasumas halkan sa’aatii 6:00 booda humna meegaa waattii 65 dhiyeessaa jiraachuun himameera.
Buufatichi akkaataa waliigaltichaan dhiyeessii humnaa dabalaa deemu akkasumas karoora humna elektirikaa gara Taanzaaniyaatti daddabarsuuf qabame milkeessuuf dandeettii qabaachuu eerameera.
Buufatichi al-ergii humna elektirikaa guddisuuf hojiilee fooyyessaa garaagaraa taasisaa jiraachuu ragaan Humni Elektirikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia