Itiyoophiyaan karaa nagaa fi seera qabeessaan Karra Galaanaa argachuuf tattaaffii dippiloomaasummaa taasisuu itti fufti-MDhA

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan karaa nagaa fi seera qabeessaan Karra Galaanaa amansiisaa argachuuf tattaaffii dippiloomaasummaa taasisuu cimsitee akka itti fuftu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Nabiyyu Tadlaan ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Itiyoophiyaan, gaaffii seeraa qabeessaa fi karaa nagaa dhiyeessite hordofee Mootummaa Somaaliyaa waliin garaagarummaan uumame hanga furmaata argatutti tattaaffii dippiloomaasummaa ishee akka itti fuftu kaasaniiru.

Gama biraatiin, tibbana haala yeroo Liibaanoositti mul’atuun Itiyoophiyaanonni ariitiin akka biyyattii ba’an waan hintaasifneef, lammiileen tasgabbiin akka jiraatanii fi hojii isaanii hojjechuu akka qaban eeran.

Haalli nageenyaa soda kan uumu yoo ta’e, lammiilee Itiyoophiyaa biyyattiitti argaman akka balaan hinmudanneef, mootummaan dhimma isaanii itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Nabiyyuun, Somaaliyaatti ce’umsa Ergama Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa booda, hojiin humna bobbaasuu naannawichatti muddama haaraa uumuun nageenyaa fi tasgabbiirratti haala balaa hinfidnee fi eeggannoon caaseffamuu akka qabu Itiyoophiyaan kan amantu ta’uu ibsan.

Yeroo ammaa biyyoonni ergamichaaf loltoota tumsan dhimmicharratti qaamolee dhimmichi ilaallatu murteessoo waan ta’aniif, fuulduratti bobbii jiraatu irratti ejjennoon isaanii gaafatamuu qabaatti kan amantu ta’uus himan.

Murteewwan barbaachisaan Mana Maree Nageenyaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomaniis dhimmuma kana kan hubachiisuu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan dhimmichaas itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment