Finfinnee, Sadaasa 15, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan ijaarsa nageenya waaraaf tattaaffii taasiftu akka deeggaran bakka bu’oonni dhaabbilee sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaa ibsan.
Sirni jalqabsiisa leenjii haaromsaa fi deebisanii dandamachiisuu hidhattoota duraanii Magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.
Sirnicharratti Bakka Bu’aan Gamtaa Afrikaa Meejer Jeneraal Raadinaa Isteefan, bu’uura waliigaltee Piriitooriyaan nageenya mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamu haala gaariin gaggeeffamaa jira jedhan.
Waltajjiiwwan marii tarsiimawaa irrattis adeemsa nageenyaa cimsuuf waliigalteen Piriitooriyaa gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.
Mootumman federaalaas mariiwwan biyyaalessan walitti bu’iinsa araaraa fi dhiifaman xumuruun nageenyaa waaraa fiduuf tattaaffiin taasisaa jiru kan dinqisiifatamuudha jedhan.
Tattaaffii ijaarsa nageenya waaraa Itiyoophiyaan taasistuuf dhaabbileen dhuunfaa Afrikaa fi tumsitoonni Idil Addunyaa deeggarsa taasisan cimsuu qabu jedhan.
Itiyoophiyatti Bakka Bu’aan Dhaabbata Mooummoota Gamtoomanii Saamu’eel Gabaayidee Doo gama isaaniin, hidhannoo hiikkachiisuu fi deebisanii dandamachiisuun leenjiin haaromsaa jalqabamuun waliigalteen nageenyaa qixa barbaadamuun gaggeeffamaa jiraachuu argisiisa jedhan.
Tattaaffiin kunis sagalee dhukaasaa hambisuu garasitti abdii jiraattota naannichaa kan gabbisu ta’uu dubbatan.
Hidhattoonni duraanii leenjii haaromsa boodas wayita hawaasatti makaman bu’aa qabeesummaa misoomaa fi nageenyaaf humna ta’uun kan irraa eegamu ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbilee hidhattoota deebisanii dandamachiisuuf hojiiilee eegalamaniif deeggarsa taasisan galateeffatanii fuuldurattis tumsi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cimee itti fufa jedhaniiru.
Bakka Buutuun Gamtaa Awurooppaa fi Biyyoota Tumsitootaa Sofii Faroom gama isaaniin adeemsa leenjii haaromsaa fi deebisani dandamachiisuuf deeggarsi taasifamuu Itiyoophiyatti nageenyaa fi tasgabbii bu’uura cimaarratti ijaaruuf gahee olaanaa qaba jedhan.
Nageenya waaraa Itiyoophiyaatti ijaaruufis tarkaanfiin bu’aa qabeessa ta’e fudhatamaa akka jiru eeruun, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen tumsitootaa qindoominaan hojjechaa jiraachuu kaasuu TOI gabaaseera.
Hawaasni Idil Addunyaas leenjii haaromsaa fi deebisanii dandamachiisuu akkasumas Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa taasisan cimsanii kan itti fufan ta’u mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia