Itiyoophiyaan Ifatti Garee ‘BRICS’tti makamuun taatee seenaati – MDhA

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Ifatti Garee ‘BRICS’tti makamuun taatee seenaa ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Itiyoophiyaan bara Faranjootaa haaraan miseensa garee BRICS’tti makamuu ilaalchisee Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kenneera.

Itiyoophiyaan Bara Faranjootaa 2023 baatii Hagayyaa keessa miseensa dhaabbatichaa akka taatu affeerraa taasiifameef gammachuun fudhachuun gumaacha olaanaa qabaachuu ibseera.

Affeericha fudhachuun nageenya, Badhaadhinaa fi tasgabbii biyyattiif tumsaan hojjechuuf murannoo qabdu kan mirkaneesse ta’uu himeera.

Dabalataan Itiyoophiyaan qooda tumsa Kibba Kibbaa keessatti qabdu kan guddisu ta’uu eereera.

Har’a ifatti miseensa Garee ‘BRICS’tti makamuun ishee nageenyaa fi badhaadhinaa biyyattiif murannoo qabdu kan mul’isu ta’uu ibsa isaan himeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment