Itiyoophiyaan Ifatti Garee BRICS’tti makamte

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni shan har’arraa eegalee ifatti garee BRICS’tti makamaniiru.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni akka Saa’ud Arabaiyaa, Ijibti, Gamtaa Emereetota Arabaa fi Iraan garichatti makamuu CGTN gabaaseera.

Biyyoonni miseensaa garichaa sadarkaa idil addunyaatti walta’iinsa damee daldalaa, invastimantii, sirna faayinaansii fi bulchiinsaa irratti qaban dagaagaa dhufuun akeekameera.

Yaa’ii Johaanisbargirratti gaaffii miseensa ta’uu Arjantiinaan dhiyeessite fudhatama kan argate ta’us, baatii tokkoon dura Pireezidaantii biyyattii ta’uun kan muudaman Jaaviyeer Meelee Pireezidaantiin isaaniin dura turan Albeertoo Farnaandeez gaaffii miseensummaa haquurraan BRICS’tti kan hinmakamne ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment