Itiyoophiyaan humna namaa ga’oome horachuuf Dhaabbata Siwiidin waliin waliigaltee mallatteessite

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Itiyoophiyaan humna namaa ogummaan ga’oome horachuuf Dhaabbata Siwiidin ‘Miiliyoomaaniniig’ jedhamu waliin tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessite.

Waliigaltichi Leenjii ogummaa fi adeemsi bobbii gara alaatti taasiifamu caalmaatti ammayyeessuu dabalatee biyya keessatti gabaa hojii qopheessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Ministeerri Hojii fi Ogummaa gabaa hojii biyya keessarra darbee gabaa addunyaa fayyaddamuu fi gondaansa sirnaan bulchuuf xiyyeeffannoo hojjechaa jiraachuu eereera.

MinisteerichiLammiileen fedhii fi beekkumsa ga’aa qabatanii mirgii fi nageenyi isaanii eegamee biyyoota addunyaa garagaraatti karaa seeraan bobba’uun fayyadamoo akka ta’an hojmaata teeknooloojiin deeggarame diriirsuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment