Itiyoophiyaan hariiroo Jarmanii fi Faransaay waliin qabdu cimsuuf kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan hariiroo Jarmanii fi Faransaay waliin qabdu cimsuuf kan hojjetti ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhina Obbo Adam Faaraahi Ityoophiyaatti Ambaasaadddara Jarman Isteefaan Awur fi kan Faaraansay Reemii Maakeshuu waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaan hariiroo waggoottan lakkoofsisan Jarmaniifi Faraansay waliin qabachuu eeruun, Paartiin Badhaadhina hariiroo dippiloomasii Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu cimsuuf kan hojjetu ta’uu Obbo Adam ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyyoota lameen waliin michummaa Seenaa qabeessa, hariiroo Hawaasummaa fi Siyaasaa caalmaatti guddatuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Obbo Adaam Faarraahin, Hojiilee mootummaa fi Paartichaan hojjetamaa jiran ilaalchise ibsa taasiisaniiru.

Bu’aaleen damee garaagaraan argame cimee akka itti fufuuf deeggarsi biyyoota michuu barbachisaa ta’uukaasu ragaan Paartii Badhadhinaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddaroonni kunneen gamaasaaniin, Itiyoophiyaan hojiilee misoomaan, deeggarsaa namoomaa akkasumas ce’umsa Haqaa fi Marii Biyyaaleessaa gaggeessuuf tattaaffii taasiftuu deeggarsa kan taasisan ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment