Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota Afrikaa adda addaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf marii taasiifte

Finfinnee, Sadaasa 2, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos gita isaanii biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon, Ministira Hariiroo fi Tumsa Idil Addunyaa Naamiibiyaa Peeyyaa Muushileengaa, Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa idil addunyaa Giinii Mooriisaandaa Kuyyaatee, Ministira Dhimma Alaa Angoolaa Teettee Antooniyoo fi Ministira Dhimma Alaa Rippaablika Demokiraatawaa Koongoo Teereesee Kaayikwaambaa Waaginar waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo fi tumsa waloo fi Naannawaa cimsan irratti mari’achuu ragaan Ministira Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Fooramii tumsa Afrikaa – Raashiyaa magaalaa Sochitti gaggeeffamaa jiru cinaatti marii gaggeeffame ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment