Itiyoophiyaan Haleellaa shororkeessummaa Turkitti mudate balaaleffatte

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Haleellaa shororkeessummaa Ministeera Dhimma Biyya keessaa Ankaaraa Turkitti mudate Ministeerri Dhimmaa Alaa Itiyoophiyaa balaaleffateera.

Ministeerichi, yeroo rakkisaa kanatti miidhamtootaa fi maatii isaaniif jajjabina hawweera.

Haalleellaan akkanaa sababa kan hinqabne ta’uu eeruun, Itiyoophiyaanota biratti shororkeessummaan bakka waan hinqabneef gochaa gara jabummaa kana balaaleffachuun tokko taanee dhaabbanna jechuun ibseera.

Haaluma kanaan ummataa fi mootummaa Turki cinaa kan dhaabbatu ta’uu ibsa gama Tiwiitaraan baaseen akeekeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment