Finfinnee, Sadaasa 7, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan Naannawaa Afrikaa Bahaattis ta’e sadarkaa Idil Addunyatti gumaacha nageenyaa fi tasgabbiif taasistu cimsitee akka itti fuftu ibsite.
Giddugalla Nagaa Kabachiisaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti Inistiitiyuutiin leenjii Nagaa Kabachiisaa Idil Addunyaa qondaaltota olaanoo biyyootaa Afrikaa 27’rraa babba’an leenjisaa ture eebbisiiseera.
Sirna ebbichaarratti Raayyaa Ittisa Biyyaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Leenjii Gamtaa Leetenaal Jeneraal Yimar Mokonnin akka ibsanitti, leenjiin Inistiitiyuutichi kennu kutannoo Itiyoophiyaan nagaa fi tagabbiin Afrikaatti akka mirkanaa’uuf qabdu kan argisiisuudha.
Afrikaa Bahaatti walitti bu’iinsii fi shororkeessummaan qormaata olaanaa ta’uu kaasanii kanaaf waloon dhaabuutu barbaachisa jedhaniiru.
Itiyoophiyaan waggoottan 75’n darban ergama nagaa kabachiisuu hirmaatterratti injifannoo boonsaa galmeessuun nageenya naannawaa fi Idil Addunyaaf kutannoo qabdu argisiisteetti jedhan.
Ammalee gumacha nageenyaa mirkaneessuuf taasistu cimsitee akka itti fuftu akeekuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Leenjitoonnis waggoota lamaaf leenjii bulchiinsa nageenyaa fi walitti bu’iinsa furuurratti fudhataa turan ga’umsaan xumuruu himaniiru.
Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aan Sagantaa Misoomaa Dhaabbartaa Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Saamu’eel Doo gama isaaniin, Itiyoophiyaan ergama nagaa kabachiisuu keessatti biyya muuxannoo qabduu ta’uu dubbataniiru.
Nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf deeggarsi teekinikaa fi faayinaansii taasifamuufi akka qabu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia