Finfinnee, Amajjii 2, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan godaantota miiliyoona 1.1 ol keessummeessuun tajaajiloota bu’uuraa kennaa jiraachuu Tajaajilli Godantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Itiyoophiyaa ibse.
Tajaailichi ibsa baaseen, maqaa godaantotaan deeggarsi dhufu kamuu kaayyoo barbaadameef ooluu sirna hordofuu fi to’atu diriirsuun hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Federeeshiniin Raashiyaa walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaarraan kan ka’e Godaantota gara Itiyoophiyaatti baqachuun Gaambeellaa qubatanii jiraaniif gama Sagantaa Nyaataa Addunyaan Qamadii Meetirik Toonii Kuma 1 fi 632 deeggarsa taasisuu ibseera.
Ta’us, deeggarsichi mootummaa fi ummata Itiyoophiyaaf waan taasifame fakkeessuun miidiyaalee odeeffannoo tamsaasanirratti tarkaanfiin sirreeffaamaa akka fudhatamu tajaajilichi beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia