Itiyoophiyaan gara Lakkoofsa Manaa fi Ummataa dijitaalawwatti imalaa jirti-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Hubannoo namtolchee fayyadamuun, sirrummaa istaatistiksii fooyyessuuf Itiyoophiyaan gara lakkoofsa manaa fi ummataa dijitaalawaatti imaalaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Yaa’iin Komishinii Istaatistiksii Afrikaa 9ffaan mata duree “Kalaqa Afrikaa Misooma Istaatistiksii keessatti mirkaneessuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti, Obbo Tamasgeen Xurunaan haasawaa taasisaniin, egeree Afrikaaf har’a kan karoorfamuu, dandeettii fi humna uumamurratti bu’uureffachuun rakkoolee jiran gara carraatti jiijjiiruu dandeenya jedhaniiru.

Sirna istaatistiksii, misooma utuban, fayyadamummaa jajjabeessanii fi galmoota qabaman milkeessan ijaaruu dandeenya jedhan.

Yaa’icharratti muuxannoowwan istaatistiksii kan qoodaman yoo ta’u Afrikaatti carraalee fi gufuuwwan Istaatistiksii irratti mariin gaggeeffameera.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment