Itiyoophiyaan qajeeltoowwan karaa nagaa fi faayidaa waloo hordofuun karra galaanaa argachuuf hojjechuu itti fufti-Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan qajeeltoowwan karaa nagaa fi faayidaa waloo hordofuun karra galaanaa argachuuf hojjechuu itti fufti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii 19ffaa Sosochii Biyyoota Walabaa Ugaandaa Kaampaalaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.

Yaa’icharratti haasawaa taasisaniinis, biyyoonni karra galaanaa hinqabne gaaffii misoomaa ummata isaanii deebisuuf, sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuu fi qormaata isaan fuulleffatu furuuf rakkachaa jiraachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeran.

Kanaanis Itiyoophiyaan qormaataa akkanaa keessa darbuuf qajeeltoowwan karaa nagaa fi faayidaa waloo hordofuun karra galaanaa argachuuf hojjechuu itti fufti ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment