Itiyoophiyaan furmaata faayidaa waloo eegsisu irraa ga’uuf kutannoon itti fufti-MDhA

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan karaa nagaa fi marii haqa qabeessan yaada furmaataa faayidaa waloo eegsisu irra ga’uuf kutannoon kan itti fuftu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Monisteerri Dhimma Alaa marii gamsadee Hidhaa Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaa gaggeeffame ilaalchisuun ibsa baaseera.

Mudde 4-7, 2016 eegalee marii gamsadee Finfinneetti gaggeeffamu fi marii marsaa afuriin gaggeeffames, bu’uura waliigaltee waloo Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Pireezidaantiin Ijibti Abdulfattaa Al Siisiin ta’uu ibsichi yaadachiiseera.

Dureewwan kunneen ogeeyyiif kallattii kennuun guutiinsaa bishaan Hidhaa Haaromsaa jalqabaa fi hojii waggaa gaggeeffame ilaalchisuun dambii fi qajeelfama jiru xumuruun itti fufsiisuuf tattaaffi barbaachisaan akka taasifamu carraaqaniiru.

Mariin marsaa 4ffaa biyyoota sadeen gidduutti dhimma garaagarummaa olaanaa uume irratti marii waliigalaa akka taasifaman kan hindagatamne ta’u ibsameera.

Marsaawaan afran kanneenittis Itiyoophiyaan biyyoota yaa’a gadii waliin garaagarummaa qabdu furuu fi waliigaltee nageenyaarraa ga’uuf tattaaffii taasisuu ibseera.

Haa ta’u malee, Ijibti ilaalcha gita bittaa qabattee itti fufuun daandii gara waliigaltee fi walta’iinsaatti geessuu cufuu beeksiseera.

Guutiinsa bishaanii jalqabaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fi dambii fi qajeelfama hojmaataa waggaarratti marii gaggeeffameen biyyoota sadeen gidduutti wal amantaa uumuu malee, fayyadamaa bishaan Abbayyaa irratti mirga Itiyoophiyaa mulquuf kan kaayyeffate miti jedheera.

Itiyoophiyaan qabeenyaa bishaan ishee qajeeltoo fayyadama sababa haqa qabeessa ta’e bu’uureffateen fedhii dhaloota ammaa fi egeree guutuuf tattaaffi taasiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu ifoomsuu akka barbaaddu beeksiseera.

Bara Faranjootaa 2015, Itiyoophiyaa, Ijibti fi Sudaan waliigalteen qajeeltoo mallatteessan bu’uuraa marichaa ta’uu ibsuun, kana malees bara Faranjootaa 2020 eegalee dhimmicha kan qabate Gamtaan Afrikaa biyyoonni sadeen karaa nagaan gara yaada furmaataatti akka dhufaniif carraa uumuuf waltajjiin mijaa’uu yaadachiiseera.

Mariin marsaa 4ffaan ergaa xumuramee booda, ibsa chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi raggaasifama heeraa mootummaa Gamtaa Afrikaa faallessuu baasuu kan eere ibsi Ministeeraa Dhimmaa Alaa kun Itiyoophiyaan odeeffannoo dogoggoraa gama Ijibtiin irratti dhiyaate kan hinfudhanne ta’uu hubachiisera.

Itiyoophiyaan karaa nagaa fi marii haqa qabeessan faayidaa biyoota sadeenii haala eegsiseen yaada furmaataa irra ga’uuf kutannoon kan itti fuftu ta’uu ministeerichi ibsa baaseen mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment