Itiyoophiyaan Fooramii 2ffaa Wata’iinsa Nageenya Ummataa Idil Addunyaarratti hirmaatte

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Chaayinaa bulchiinsa Magalaa Liyaanyungaangitti mataduree “Addunyaa tokko; nageenya waloo” jedhuun Fooramii 2ffaa wata’iinsa nageenya ummataa Idil Addunyaarratti hirmaatte.

Koomishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federalaa Dammallaash Gabiramikaa’el, hojiilee fi bu’aalee riifoormii dhaabbilee nageenyaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jiran ilaalchisuun fooramicharratti dhiyeessaniiru.

Fooramichaan cinaattis Ministiraa Nageenya Ummata Chaayinaa Waangi Zhiyaahoong waliin marii taasisaniin, walta’iinsa jalqabame dameewwan hundaan sadarkaa caalutti ceesisuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment