Itiyoophiyaan filmaatawwan akka karra galaanaa qabaattu mirkaneessan qabdi-MMBBU

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Hoggantoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa koreewwan dhaabbii garaagaraarraa baba’aan miseensota Paarlaama Gamtaa Awurooppaa waliin dhimmoota Itiyoophiyaa fi naannawaarratti mari’ataniiru.

Waa’ee nageenyaa fi dhimmoota siyaasaa Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun hoggantoota Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataarraa ibsa gaafataniiru.

Miseensonni Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaas qabiinsa mirga namoomaa, rakkoolee nageenyaa, sirna federaalaa, gaaffii karraa galaanaa, imaammata dhimma alaa akkasumaas eegumsa mirga dubartootaa ilaalchisee ibsa gaafataniiru.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Dooktar Diimaa Nagawoon, rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan waarinaan furuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Koomishiniin Marii Biyyaalessaa hundeeffamuun hojiitti seenamuu kaasaniiru.

Waa’ee gaaffii karra galaanaa qabaachuu Itiyoophiyaan kaasaa jirtuus bu’uuraa seeraa idil addunyaan karaa nagaa fi dippilomaasiin fayyadamummaa waloorratti kan bu’uureffate akka ta’uuf tattaaffiin eegalamuu hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan filmaatawwan karra galaanaa akka qabaattu taasisaan jiraachuu eeruun, imaammanni alaa Itiyoophiyaas sarbamuu birmadummaan biyyootaa kan hindeeggarre ta’uu ibsaniiru.

Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti akkasumaas Sulula Gaazaatti waraanni gaggeeffamaa jiru karaa nagaan furmaata utuu argatee fedhii Itiyoophiyaa akka ta’e dubbachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmootaa Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa Di Ispoortii Dooktar Keeyraddiin Tazarraa gama isaaniin, manni marichaa kutaalee biyyattii garaagaraatti sarbama mirga namoomaa lammiileerra ga’u ittisuuf gidduu seentummaa mootummaa malee hordoffii fi to’annoo taasisaa jirachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment