Itiyoophiyaan fayyadamtuu karra galaanaa ta’uun Invastimantii alaa caalmaatti hawwachuuf qooda olaanaa qaba – Hayyoot

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan fayyadamtuu karra galaanaa ta’uun Invastimantii alaa kallattiin hawwachuuf qooda olaanaa qabaachuu Hayyoonni ibsan.

Waligalteen Itiyoophiyaan Somaaliilaandi waliin raawwatte misooma naannawaa cimsuun rakkoo gabaa addunyaa qabdu kan furu ta’uu Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti Barsiisaa fi qorataan qabeenya diinagdee Dooktar Dhugaasaa Mulugeetaan ibsaniiru.

Waliigaltichi Invastimantii alaa caalmatti hawwachuuf qooda qabaachuu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Bafiqaaduu Dhaabaan ibsaniiru.

Waliigalteen kun walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf gumaacha jabaa qabaachuus kaasaniiru.

Hariiroo qabeenya Diinagdee hanga dandeettii waraanaa cimsuutti gahee qabaachuu Qorataan Qorannoo Afrikaa Dooktar Nigaatuu Abbabaan eeraniiru.

Waliigaltichi badhaadhina waloo fi tasgabbii naannawaa mirkaneessuun walitti hidhamiinsa naannawaa kan saffisiisu ta’uu himaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuu fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment