Itiyoophiyaan egzibiishinii Bunaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan egzibiishinii Bunaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Chaayinaatti Embaasiin Itiyoophiyaa bara Faranjootaa Fulbaana 21 hanga Onkoloolessa 10, 2023’tti kan gaggeeffamu argisiisaa bunaa “Coffee Month Of Asia Game, Hanjo” jedhamurratti bu’uura guyyoonni jalqabaa lamaan Guyyaa Beeksisa Bunaa Itiyoophiyaa jedhamee moggaafameen hirmaachuun eerameera.

Sagantichi Chaayinaatti keessumaa gama dargaggootaan fedhii fayyadama bunaa dabalaa dhufe hordofee akaakuu bunaa biyyoota buna oomishanii beeksisuuf kaayyeeffatee kan qophaa’eedha jedhameera.

Haaluma kanaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaa dabalatee alergitoonni bunaa Itiyoophiyaa hirmaachuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Akkasumas, Chaayinaatti michuuwwan buna Itiyoophiyaa, abbootii qabeenyaa Kaaffee fi daldala bunaarratti dhaabbilee bobba’an beeksisuu fi marii paanaaliirratti hirmaachuun dhimmoota ka’anirratti ibsi bal’aan kennameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment