Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa hinraafamne ijaaruuf Ashaaraa Magariisaan hojjechaa jirti-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC)– Itiyoophiyaan diinagdee magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaan hinraafamne ijaaruuf Ashaaraa Magariisaa akka meeshaa furtuutti hojiirra oolchaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Dooktar Girmaa Amanteen ibsa miidiyaaleef dhimmicharratti kennaniin Sagantaa Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhabuu Jimaata dhufu gaggeeffamuuf bakkeewwan kuma 317 fi 521 adda baafamuun kaartaan qophaa’eeraaf jedhan.

Itiyoophiyaan hanga bara 2018’tti biqiltuu biiliyoona 50 dhaabuuf galma qabattee socha’aa jiraachuu kaasuun, waggoota shanan darbanitti biqiltuun biiliyoona 32.5 dhaabamuu yaadachiisan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa hanga ammatti gaggeeffamaniin uwwisni bosonaa biyyatti dabaluu, bosona umamaa dhiibbaan ga’aa turee fi ciramni hir’achuu kaasnaiiru.

Kanaanis uwwisni bosonaa biyyattii %23.6 qaqqabuu himanii, sagantaan Ashaaraa Magariisaa ammoo dabaluu uwwisa bosonaa biyyaattiif gumaacha olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Duulli guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu Jimaata dhufu Hagayya 17, 2016 mata duree “Biyya Dhaabdu, Dhaloota Waaromsu” jedhuun kan gaggeefamu ta’uu himan.

Duulichaan bqiltuun dhaabaman %56 biqiltuuwwan faayidaa damee hedduu qaban yoo ta’an, %44 ammoo biqiltuuwwan miidhaginaa fi bosonaa ta’uu eeraniiru.

Sagantichaan lafa hektaara miiliyoona 2’rra dhaabuuf addaa baafamuu kaasuun, kana keessaa lafti heektarri miiliyoona 1 ragaan GPS fi kaartaa fudhatamuu dubbataniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna baranaan biqiltuuwwan biiliyoona 6.9 kan dhaabaman yoo ta’u, duula guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabamuun, karoorri barana biqiltuu dhaabuu kan milkaa’u ta’a jedhaniiru.

Sagantichi Jimaata ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee kan gaggeeffamuu ta’uu fi ummannis duulicharratti dammqinaan hirmaachuun karoora qabame milkeessuu keessatti gumaachaa olaanaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment