Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan damee humna haareffamaa adda ba’anirratti biyyoota garaagaraa waliin hojjechuuf ministiroonni waliigalteerra ga’an.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan, Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 28ffaa Dubaayitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.
Waliigaltee walta’iinsaarraa kan ga’anis Waltajjii “Walta’iinsa Humna Haareffamaa Afrikaa” Deenmaarkii fi Jarmaniin deeggaramurratti Seeraaliyoon, Zimbaabuwee, Keeniyaa, Naamiibiyaa fi Ruwaandaa fa’aa waliin ta’uun ibsameera.
Waltajjii “Walta’iinsaa Humna Haareffamaa Afrikaa” irratti Injiinar Habtaamuu Ittafaan ergaa dabarsaaniin, Itiyoophiyaan qabeenyaa inarjii qabdurratti ibsa kennaniiru.
Waggoottan darban anniisaa adda baafamaniin sa’aatiitti hanga Giiggaa Waattii kuma 1 ta’u biyyoota ollaaf akka dhiyaatu ibsaniiru.
“Walta’iinsi Humna Haareffamaa Afrikaa” walitti hidhamiinsa anniisaa saffisisuuf gahee olaanaa akka qabaatu eeruu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.