Itiyoophiyaan Ce’umsa sirna nyaataarratti hojii boonsa hojjetteen beekkamtii argatte -Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC) –Itiyoophiyaan Ce’umsa sirna nyaataarratti hojii boonsa hojjetteen beekkamtii argachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misooma Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Dhaabbataa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaan badhaasaa Meedaaliyaa “Agricola” argachuu ilaalchisee ibsa kan kennaan Dooktar Fitsuum Asaffaan, beekkamti fi badhaasni kennameeHoggansa Ministirri Muummee Dooktar Abiy akka biyyaatti ce’umsa sirna nyaataarratti hojii hojjetameniidha jedhan.

Beekkamtii fi badhaasni kenname Itiyoophiyaan haaloota rakkisoo keessa taatee misoomaa jallisi qamaadii, Maddii guutuu akkasumas sagantaa Asharaa magariisaan hojjetamaa jiran bu’aa agarsisa jiraachuu himan.

Waggoottan shanan darbanitti damee qonnaan jijjiiramni olaanaa galma’uu ibsuun, misooma miidhaaniirratti %36 guddinni mul’achuu Dooktar Fitsuum dubbataniiru.

Badhaasni Meedaaliyaa ‘Agricola’hojiilee milka’anii fi gara fuulduraatti hojjetamaniif kaka’umsa kan uumuudha jedhan.

Qonnaan bultoota dabalatee qaamoolee hojii qonnarratti hirmaatan waliin qindoominaan hojjetamuu isaan bu’aan argamuu eeruun,qaamoolee gahee isaanii bahatan hunda Dooktar Fitsuum galatteeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment