Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa qindoomina diinagdee Afrikaa saffisiisan diriirsaa jirti- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa qindoomina diinagdee Afrikaa saffisiisan diriirsaa jirti- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa qindoomina diinagdee Afrikaa saffisiisan diriirsuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Yaa’iin Ministiroota Pilaanii, Misooma Diinagdee fi Faayinaansii Komishinii Diinagdee Afrikaa 57ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaanti Taayyeen ergaa yaa’icharratti dabarsaniin, Afrikaan ce’umsa guddina diinagdee taasisuuf boqonnaa murteessaarratti argamti jedhan.

Gabaa Shaqaxaafi tajaajilaa daangaa ce’aa Afrikaa dhugoomsuuf hawwiirra darbee hojii qabatamaa hojjechuu akka barbaachisu kaasaniiru.

Dhimmoota sirna daldalaa Afrikaaf waggoottaniif gufuu ta’an furuuf tarkaanfii qabatamaafi murannoo tarsiimawaa akka barbaachisu eeraniiru.

Biyyoonni waliigaltee naannawaa daldala bilisaa raggaasisuurra darbanii gara hojii qabatamaatti hiikuufi Koree Tumsa Biyyaalessaa qindeessuun kutannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Biyyoonni Afrikaa invastimantii bu’uuraalee misoomaa, oomishtummaa sonni itti dabalame, guddina qorannoo Paan Afrikaa, hammattoo invastimantii ifaa ta’eefi dandeettii diinagdee diijitaalaa ijaaruu akka qabanis dubbataniiru.

Guddina intaarpiraayizii maaykiroo fi giddugaleessaa, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii uumuu, hirmaannaa dubartootaa fi dandeettii sirna gabaa diijitaalaa  ardii cimsuurratti bal’inaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gama Kanaan Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa qindoomina diinagdee Afrikaaf gahee olaanaa bahataniif xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment