Itiyoophiyaan bu’aa ba’ii keessatti moo’achaa imala ishee itti fufti – MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Eeyyama waaqayyoon bara 2015 xumuruun bara haaraatti ceeneerra.

Itiyoophiyaan bu’aa ba’ii keessatti moo’achaa imala ishee itti fufti jedhan.

Qajeelfama jabaa, ummata cimaa fi waaqa hin moo’atamne waan qabnuuf as geenyarra jedhuun ibsaniiru.

Wantoota hedduu milkeessineerra, qormaatilee baayy’ee injifannoon golobneerra, gufuulee ciccimoon tarreeffamanis bu’uura cimaarra ta’uun dabarreerra jedhan.

Milkaa’inni argame hundi bu’aawwan tokkummaa sabdaneessaa ta’uu kaasaniiru.

Qormaatileen mudatan waalqooduurraa kan dhufan ta’uu ergaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Bara haaratti qormaatilee daraan hir’isuun, tokkummaa sabdaneessaa caalmaatti cimeen Itiyoophiyaa nageenyaa fi tasgabbii bu’uura jabaan cichoomsina jedhaniiru.

Misoomaa fi badhaadhina ishee madaalutti ceesiifna.

Barri haaraan badhaadhina Itiyoophiyaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment